Qabeenyi, kabajni fi humni addunyaa kanaa yeroo dheeraf hin turan, du’a fuulduratti garuu faayidaa hin qabu.
Kanaaf Kiristoos Ahnsahnghong addunyaa hafuuraa gammachuun bara baraa itti argamuuf akka qophoofnu nutti hime.
Sababni isaas hundeen keenya foon keenya osoo hin taane lubbuu keenya waan ta’eef (Yohannis 6:63).
Jireenyi waa’ee addunyaa bara baraa osoo hin beekin hiika hin qabu.
Umuriin keenya gabaabaan lafa kana irratti yeroo addunyaa bara baraaf itti of qopheessinuudha.
Gara addunyaa hafuuraa bara baraa deemuuf maal gochuu qabna?
Addunyaa hafuuraa bara baraa dhukkubbii fi du’a hin qabne, (Mul'ata 21:4) qaamni badu seenuu hin danda’u, garuu kan jireenya bara baraa qabu qofa. (1 Qorontos 15:50)
Sana booda, jireenya bara baraa akkamitti argachuu dandeenya?
Foon Yesuus nyaannee dhiiga Isaa yommuu dhugnu jireenya bara baraa argachuu dandeenya. (Yohannis 6:54)
Yesuus buddeenaa fi wayiniin Faasikaa foonii fi dhiiga isaa akka ta’e waadaa gale. (Maatewos 26:26)
Kanaaf warri karaa Faasikaa jireenya bara baraa argatan gara addunyaa hafuuraa seenuu danda’u, achitti bilisaan uumama cufa keessatti imaluu danda’u.
Jireenya keenya qisaasessuurra, addunyaa qabeenya qofa irratti xiyyeeffachuu mannaa, addunyaa hafuuraa bara baraa hawwiin haa eeggannu, waadaa qulqulluu jireenya bara baraa [Faasikaa] keessattis haa hirmaannu.
Waldaa Waaqayyoo inni Kiristoos Lammaffaa Dhufaatii Ahnsahnghong hundeesse waldaa Kakuu Haaraa Ayyaana Faasikaa hordoftu qofaadha.
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy