Waaqayyo qalbii fi sammuu namootaa erga argee, wanti isa jalaa dhokachuu danda’u hin jiru. Wanti namni jireenya isaa keessatti hojjetu hundi teessoo firdii Waaqayyoo duratti ni ibsama, tokkoon tokkoon namaas akkuma hojii isaatti itti murteeffama. Kanaafuu, Macaafi Qulqulluun, “bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa” jedha.
Akka barsiisa Kiristoos Aansaanghoong fi Waaqayyo Haadha, “Kanneen keessaa isa xiqqaa tokkoof waan gootan hunda anaaf gootan” jedhanitti, miseensonni Waldaa Waaqayyoo gad of deebisuudhaan wal tajaajilu, jaalalas ni shaakalu. Kana malees, badiisa gungumaa fi komii Israa’elootaa fi safuu dhabuu Hofnii fi Fiinehaas ilmaan lubichaa irraa dhufe akka barumsaatti fudhachuun yeroo hundumaa jireenya amantii qulqulluu jiraachuuf ni carraaqu.
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii. Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa. 1 Phexros 1:16–17
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii. Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii. Lallaba 12:13–14
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy