Solomoon mootichi Waaqayyoon sodaachuun dirqama dhala namaa hundumaa akka ta’e kan dubbate yoo ta’u, Yesus abboommiin inni guddaan garaa fi yaada keenya guutuudhaan Waaqayyoon jaallachuu akka ta’e ibseera.
Jaalalli raawwii seerati jedhee seera kakuu haaraa hundeesse.
Waaqayyo fannoo irratti kan fannifame dhala namaa baay’ee waan jaalateef.
Bineensonni akka seera kakuu moofaatti aarsaa ta’an hundinuu fakkeenya Waaqayyoo kan ta’an yoo ta’u, dhumarratti Kiristoos Ahnsahnghong fi Haati keenya Samii kan bara Hafuura Qulqulluutti dhufan akkamitti fayyina dhala namaatiif guyyaa Sanbataa fi Faasikaa dabalatee kakuu haaraa akka hundeessan ragaa ba’a.
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
Lallaba 12:13
Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha;
kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”
Efesoon 6:1–3
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy