Namoonni dhuma jireenya isaanii lafa kana irratti dhuma waan hundumaati jedhanii yaadu, garuu samii fi si’ool ni jiru, yeroo jireenya isaanii addunyaa diimeshinii sadii keessatti xumuramu hundi isaanii gara addunyaa isaanii isa jalqabaatti ni deebi’u. Yesuus cubbuu dhala namaa fannoo irratti baatee kakuu haaraa kan hundeesse ijoollee isaa jaallatamoo gara samiitti malee gara si’oolitti, bakka adabbiitti akka hin geenyeef.
Si’ool, akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, iddoo gidiraa guddaadha. Kanaafidha Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haati kakuu haaraa kana irra deebi’anii kan beeksisan, ilmi namaa mootummaa samii keessatti ulfina bara baraa akka argatu carraa kan kennan.
Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana . . . Ibroota 9:27
Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. . . . Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. Mul’ata 20:10–14
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy