Seexanni saba Waaqayyoo gowwoomsee gara samiitti isaan ari’e, lafa kanatti isaan fide, akka isaan gonkumaa mootummaa samiitti deebi’uu hin dandeenyeef gowwoomsuu itti fufeera.
Kanaafis sabbata fi Faasikaa haqee, sabni Waaqayyoo akka isa hin waaqeffanneef, aadaa waaqa aduu kan akka waaqeffannaa Dilbata fi Ayyaana Qillee mana qulqullummaa Waaqayyootti galche.
Eliyaas waaqeffannaa Waaqayyoof dhihaateen raajota sobaa 850n injifate siʼa taʼu, Yesuus jecha “Waaqa kee Gooftaa waaqeffadhu, isa qofa tajaajili” jedhuun Seexana injifate. Bara Hafuura Qulqulluutti, Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haati kakuu haaraa hordofuudhaan dhiifama cubbuu argannee, gara mootummaa waaqa bara baraatti deebi’uuf Waaqayyoo qofa tajaajiluu akka dandeenyu nu barsiisaniiru.
Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa. Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; . . . Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo. Lewwota 18:3–5
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy